Jechoota Hayyoota Addunyaa

1. Namoonni hedduu gorsa yoo fudhatan iyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa (Thomas Takias)

2. Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Ingilizii)

3. Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama (WiiliyaamShekispiir)

4. Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuu dha.

(MaaksimTroobey)

5. Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin

dandeessu. (William Shekispir)

6. Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru. (Morookoo)

7. Nama carraa qabu galaanaatti yoo darbatteyyuu qurxummiin afaanitti qabaatee baha.

(Araba)

8. Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha. (Chaayinaa)

9. Daandii bakka yaadde sigeessitu osoo hin beekin adeemsa hin jalqabiin. (Ingiliz)

10. Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa

hawwummoo nama ogeessadha. (Aayilaandii)

11. Nama dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha. (AbrahaamLiinkan)

12. Namnidogoggorasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti. (Maatama Gaandii)

B/sa Misgaanuu Turii Irra deebiin kan fuudhame

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top