Ayyaanni Sabaa fi Sablammii Kabajamuusaa
Ayyaanni sabaa fi sablammii haala hoo’aa ta’een kabajamee ooleera. Barattoonni akkasumas hojjettoonni mana barumsaa uffata aadaatiin faayamanii ayyaana kana kabajaniiru. Guyyaa kana dorgommiin adda addaa haala hoo’aa ta’een barattoota gidduutti, akkasumas barsiisotaa fi barattoota gidduutti kan adeemsifame yoo ta’u, “garaagarummaan keenya miidhagina keenya” jechuun kabajni ayyaana kanaa haala gaariidhaan goolabameera.
Guyyaan Baacoo Kabajamuusaa
Guyyaan baacoo haala hoo’aa ta’een kabajamee ooluu odeeffannoon mooraa sadan mana barumsaa Boriyaad irraa fudhanne ni addeessa. Guyyaan kun taphoota kolfisiisoo garaagaraatiin kan kabajame yoo ta’u, barattoonnis tokkummaa isaanii fi walitti dhufeenya barsiisota isaanii waliin qaban kan itti cimsatan ta’uu hubatameera.
Semesteerri Tokkoffaan Xumuramuusaa
Qormaanni xumura semesteera tokkooffaa haala gaariidhaan kennamee barattoonni qabxii isaanii baranii jiru. Kana irraa ka’uun semester hafe kanatti qabxii isaanii fooyyeffachuuf kutannoon ka’anii jiru. Barattoonni kutaa isaanii keessaa qabxii olaanaa fidan barattoota warra kaaniif fakkeenya akka ta’aaniif barattoota duratti badhaafamaniiru.
Hirmaannaa Dorgommii Gaaffii fi Deebii
Barattoonni Boriyaad kutaa 5ffaahanga 12ffaa jiran gaafii fi deebii kutaa bulchiinsaa Abdii Noonnoo irratti hirmaachuun baay’een isaanii tokkoffaa bahaniiru. Barattoonni tokkoffaa bahan kunneen gaaffii fi deebii kutaa bulchiinsa Magaalaa Shaggariif darban irratti hirmaachuudhaanis qabxii boonsaa galmeessisanii cimina isaanii fi hojii mana barumsaa Boriyaad agarsiisaniiru.
Barattooni Kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa Qormaata Biiroo Barnootaa Oromiyaa fudhachuusaanii
Barattooni Kutaa 6ffaa,8ffaa fi 12 ffaa qormaata Biiroon Barnoota Oromiyaa qoopheesse fudhachuun firii gaarii galmeessisanii jiru. Qabxiin isaan amma argatan jajjaabeessaa waan ta’eef gara fuulduraatti daran cimaanii akka hojjetaniif hamilee akka ta’uuf itti amanamee jira.
Barnootni Kurmaana 3ffaa Itti Fufuusaa
Barnootni kurmaana 2ffaaxumuramee barattoonnii fi hojjettoonni yeroo boqqonnaa gahaa erga argatanii booda barnoota kurmaana sadaffaa itti fufsiisuuf qophee gahaan eegalaniiru. Kanaafis barattoonni hundi meeshaa isaan barbaachisu hunda guuttatanii haala gaariin barnoota isaanii duukaa bu’uun akka barbaachisu manni barumsaa keenya barattoota yeroo akeekkachiisu maatiinis hordoffii isaanii cimsanii akka itti fufan yaadachiisaniiru.