Daa’imman Madda Gammachuuti

Sagaleen dhageenyu

Kanneen alaaf keessaa

Asii fi achi dabsee

Qilleensatu baatee

Gurratti nu geessa

Kan gameessaati moo

Uumamatu fuudhee

Daa’imman fakkeessaa

Daa’ima yoo jennu

Dhiira yookiin dhalaa

Kan koo qofa miti

Kan nama hunda maraa

Qulqulluu uumamaa

Baay’adhaa dhaladhaa

Daa’imoota keenyaa

Yaa madda jaalalaa

Daba kan hin beekne

Hamaa kan hin yaadne

Taphaaf kolfa malee

Hin qabattu quuqqaa

Isa darbe kalee

Daa’imman qulqulluu

Nu isiniin bohaarra

Onneetu nu baree

Asiifi achi fiigdi

Kana kaasti sanas fuuti

Hubannoon ilaallaan

Daa’ima qabaachuun

Hundee gammachuuti

Barreessaan:-Barsiisaa Mirreessaa fi

Alamaayyoo Iddoosaa (Barrulee duraanii irraa)

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top