1 “Waan dhufu hin beekani, saree tana akaayii barsiisaa” jedhe jaarsi.
2 “Gama sanaa garbuun asheete” jennaan, “warra sodaanne malee yoom argaa dhabne” jedhe jaldeessi.
3 Dhugaa waaqa hin dhoksan, qullaa lafa hin dhoksan.
4 Korma dhugaan booratu, biyyeen ija hin buutu.
5 Roobiin galaana keessaa bahee, fixeensa arraaba.
6 “Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan” jette adurreen.
7 Garaa nagayaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.
8 Namni dhugaa hin quufne dhugullee hin quufu.
9 Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu.
10 Hoolaan abbaa gaarii qabu duboo ala kaayee rafa.
11 Albee qara lamaa beekaatu itti fayyadama.
12 Yaa cubbuu “eessa dhaqxa ?” jennaan “bakka itti na ergan” jette.